Oromoca Meal — Gali Ababor — Nebe' 78:1 – Nas 114:6
Contents
- Nebe' 78:1
- Nebe' 78:2
- Nebe' 78:3
- Nebe' 78:4
- Nebe' 78:5
- Nebe' 78:6
- Nebe' 78:7
- Nebe' 78:8
- Nebe' 78:9
- Nebe' 78:10
- Nebe' 78:11
- Nebe' 78:12
- Nebe' 78:13
- Nebe' 78:14
- Nebe' 78:15
- Nebe' 78:16
- Nebe' 78:17
- Nebe' 78:18
- Nebe' 78:19
- Nebe' 78:20
- Nebe' 78:21
- Nebe' 78:22
- Nebe' 78:23
- Nebe' 78:24
- Nebe' 78:25
- Nebe' 78:26
- Nebe' 78:27
- Nebe' 78:28
- Nebe' 78:29
- Nebe' 78:30
- Nebe' 78:31
- Nebe' 78:32
- Nebe' 78:33
- Nebe' 78:34
- Nebe' 78:35
- Nebe' 78:36
- Nebe' 78:37
- Nebe' 78:38
- Nebe' 78:39
- Nebe' 78:40
- Naziat 79:1
- Naziat 79:2
- Naziat 79:3
- Naziat 79:4
- Naziat 79:5
- Naziat 79:6
- Naziat 79:7
- Naziat 79:8
- Naziat 79:9
- Naziat 79:10
- Naziat 79:11
- Naziat 79:12
- Naziat 79:13
- Naziat 79:14
- Naziat 79:15
- Naziat 79:16
- Naziat 79:17
- Naziat 79:18
- Naziat 79:19
- Naziat 79:20
- Naziat 79:21
- Naziat 79:22
- Naziat 79:23
- Naziat 79:24
- Naziat 79:25
- Naziat 79:26
- Naziat 79:27
- Naziat 79:28
- Naziat 79:29
- Naziat 79:30
- Naziat 79:31
- Naziat 79:32
- Naziat 79:33
- Naziat 79:34
- Naziat 79:35
- Naziat 79:36
- Naziat 79:37
- Naziat 79:38
- Naziat 79:39
- Naziat 79:40
- Naziat 79:41
- Naziat 79:42
- Naziat 79:43
- Naziat 79:44
- Naziat 79:45
- Naziat 79:46
- Abese 80:1
- Abese 80:2
- Abese 80:3
- Abese 80:4
- Abese 80:5
- Abese 80:6
- Abese 80:7
- Abese 80:8
- Abese 80:9
- Abese 80:10
- Abese 80:11
- Abese 80:12
- Abese 80:13
- Abese 80:14
- Abese 80:15
- Abese 80:16
- Abese 80:17
- Abese 80:18
- Abese 80:19
- Abese 80:20
- Abese 80:21
- Abese 80:22
- Abese 80:23
- Abese 80:24
- Abese 80:25
- Abese 80:26
- Abese 80:27
- Abese 80:28
- Abese 80:29
- Abese 80:30
- Abese 80:31
- Abese 80:32
- Abese 80:33
- Abese 80:34
- Abese 80:35
- Abese 80:36
- Abese 80:37
- Abese 80:38
- Abese 80:39
- Abese 80:40
- Abese 80:41
- Abese 80:42
- Tekvir 81:1
- Tekvir 81:2
- Tekvir 81:3
- Tekvir 81:4
- Tekvir 81:5
- Tekvir 81:6
- Tekvir 81:7
- Tekvir 81:8
- Tekvir 81:9
- Tekvir 81:10
- Tekvir 81:11
- Tekvir 81:12
- Tekvir 81:13
- Tekvir 81:14
- Tekvir 81:15
- Tekvir 81:16
- Tekvir 81:17
- Tekvir 81:18
- Tekvir 81:19
- Tekvir 81:20
- Tekvir 81:21
- Tekvir 81:22
- Tekvir 81:23
- Tekvir 81:24
- Tekvir 81:25
- Tekvir 81:26
- Tekvir 81:27
- Tekvir 81:28
- Tekvir 81:29
- İnfitar 82:1
- İnfitar 82:2
- İnfitar 82:3
- İnfitar 82:4
- İnfitar 82:5
- İnfitar 82:6
- İnfitar 82:7
- İnfitar 82:8
- İnfitar 82:9
- İnfitar 82:10
- İnfitar 82:11
- İnfitar 82:12
- İnfitar 82:13
- İnfitar 82:14
- İnfitar 82:15
- İnfitar 82:16
- İnfitar 82:17
- İnfitar 82:18
- İnfitar 82:19
- Mütaffifin 83:1
- Mütaffifin 83:2
- Mütaffifin 83:3
- Mütaffifin 83:4
- Mütaffifin 83:5
- Mütaffifin 83:6
- Mütaffifin 83:7
- Mütaffifin 83:8
- Mütaffifin 83:9
- Mütaffifin 83:10
- Mütaffifin 83:11
- Mütaffifin 83:12
- Mütaffifin 83:13
- Mütaffifin 83:14
- Mütaffifin 83:15
- Mütaffifin 83:16
- Mütaffifin 83:17
- Mütaffifin 83:18
- Mütaffifin 83:19
- Mütaffifin 83:20
- Mütaffifin 83:21
- Mütaffifin 83:22
- Mütaffifin 83:23
- Mütaffifin 83:24
- Mütaffifin 83:25
- Mütaffifin 83:26
- Mütaffifin 83:27
- Mütaffifin 83:28
- Mütaffifin 83:29
- Mütaffifin 83:30
- Mütaffifin 83:31
- Mütaffifin 83:32
- Mütaffifin 83:33
- Mütaffifin 83:34
- Mütaffifin 83:35
- Mütaffifin 83:36
- İnşikak 84:1
- İnşikak 84:2
- İnşikak 84:3
- İnşikak 84:4
- İnşikak 84:5
- İnşikak 84:6
- İnşikak 84:7
- İnşikak 84:8
- İnşikak 84:9
- İnşikak 84:10
- İnşikak 84:11
- İnşikak 84:12
- İnşikak 84:13
- İnşikak 84:14
- İnşikak 84:15
- İnşikak 84:16
- İnşikak 84:17
- İnşikak 84:18
- İnşikak 84:19
- İnşikak 84:20
- İnşikak 84:21
- İnşikak 84:22
- İnşikak 84:23
- İnşikak 84:24
- İnşikak 84:25
- Büruc 85:1
- Büruc 85:2
- Büruc 85:3
- Büruc 85:4
- Büruc 85:5
- Büruc 85:6
- Büruc 85:7
- Büruc 85:8
- Büruc 85:9
- Büruc 85:10
- Büruc 85:11
- Büruc 85:12
- Büruc 85:13
- Büruc 85:14
- Büruc 85:15
- Büruc 85:16
- Büruc 85:17
- Büruc 85:18
- Büruc 85:19
- Büruc 85:20
- Büruc 85:21
- Büruc 85:22
- Târık 86:1
- Târık 86:2
- Târık 86:3
- Târık 86:4
- Târık 86:5
- Târık 86:6
- Târık 86:7
- Târık 86:8
- Târık 86:9
- Târık 86:10
- Târık 86:11
- Târık 86:12
- Târık 86:13
- Târık 86:14
- Târık 86:15
- Târık 86:16
- Târık 86:17
- A'lâ 87:1
- A'lâ 87:2
- A'lâ 87:3
- A'lâ 87:4
- A'lâ 87:5
- A'lâ 87:6
- A'lâ 87:7
- A'lâ 87:8
- A'lâ 87:9
- A'lâ 87:10
- A'lâ 87:11
- A'lâ 87:12
- A'lâ 87:13
- A'lâ 87:14
- A'lâ 87:15
- A'lâ 87:16
- A'lâ 87:17
- A'lâ 87:18
- A'lâ 87:19
- Gâşiye 88:1
- Gâşiye 88:2
- Gâşiye 88:3
- Gâşiye 88:4
- Gâşiye 88:5
- Gâşiye 88:6
- Gâşiye 88:7
- Gâşiye 88:8
- Gâşiye 88:9
- Gâşiye 88:10
- Gâşiye 88:11
- Gâşiye 88:12
- Gâşiye 88:13
- Gâşiye 88:14
- Gâşiye 88:15
- Gâşiye 88:16
- Gâşiye 88:17
- Gâşiye 88:18
- Gâşiye 88:19
- Gâşiye 88:20
- Gâşiye 88:21
- Gâşiye 88:22
- Gâşiye 88:23
- Gâşiye 88:24
- Gâşiye 88:25
- Gâşiye 88:26
- Fecr 89:1
- Fecr 89:2
- Fecr 89:3
- Fecr 89:4
- Fecr 89:5
- Fecr 89:6
- Fecr 89:7
- Fecr 89:8
- Fecr 89:9
- Fecr 89:10
- Fecr 89:11
- Fecr 89:12
- Fecr 89:13
- Fecr 89:14
- Fecr 89:15
- Fecr 89:16
- Fecr 89:17
- Fecr 89:18
- Fecr 89:19
- Fecr 89:20
- Fecr 89:21
- Fecr 89:22
- Fecr 89:23
- Fecr 89:24
- Fecr 89:25
- Fecr 89:26
- Fecr 89:27
- Fecr 89:28
- Fecr 89:29
- Fecr 89:30
- Beled 90:1
- Beled 90:2
- Beled 90:3
- Beled 90:4
- Beled 90:5
- Beled 90:6
- Beled 90:7
- Beled 90:8
- Beled 90:9
- Beled 90:10
- Beled 90:11
- Beled 90:12
- Beled 90:13
- Beled 90:14
- Beled 90:15
- Beled 90:16
- Beled 90:17
- Beled 90:18
- Beled 90:19
- Beled 90:20
- Şems 91:1
- Şems 91:2
- Şems 91:3
- Şems 91:4
- Şems 91:5
- Şems 91:6
- Şems 91:7
- Şems 91:8
- Şems 91:9
- Şems 91:10
- Şems 91:11
- Şems 91:12
- Şems 91:13
- Şems 91:14
- Şems 91:15
- Leyl 92:1
- Leyl 92:2
- Leyl 92:3
- Leyl 92:4
- Leyl 92:5
- Leyl 92:6
- Leyl 92:7
- Leyl 92:8
- Leyl 92:9
- Leyl 92:10
- Leyl 92:11
- Leyl 92:12
- Leyl 92:13
- Leyl 92:14
- Leyl 92:15
- Leyl 92:16
- Leyl 92:17
- Leyl 92:18
- Leyl 92:19
- Leyl 92:20
- Leyl 92:21
- Duhâ 93:1
- Duhâ 93:2
- Duhâ 93:3
- Duhâ 93:4
- Duhâ 93:5
- Duhâ 93:6
- Duhâ 93:7
- Duhâ 93:8
- Duhâ 93:9
- Duhâ 93:10
- Duhâ 93:11
- İnşirah 94:1
- İnşirah 94:2
- İnşirah 94:3
- İnşirah 94:4
- İnşirah 94:5
- İnşirah 94:6
- İnşirah 94:7
- İnşirah 94:8
- Tin 95:1
- Tin 95:2
- Tin 95:3
- Tin 95:4
- Tin 95:5
- Tin 95:6
- Tin 95:7
- Tin 95:8
- Alak 96:1
- Alak 96:2
- Alak 96:3
- Alak 96:4
- Alak 96:5
- Alak 96:6
- Alak 96:7
- Alak 96:8
- Alak 96:9
- Alak 96:10
- Alak 96:11
- Alak 96:12
- Alak 96:13
- Alak 96:14
- Alak 96:15
- Alak 96:16
- Alak 96:17
- Alak 96:18
- Alak 96:19
- Kadr 97:1
- Kadr 97:2
- Kadr 97:3
- Kadr 97:4
- Kadr 97:5
- Beyyine 98:1
- Beyyine 98:2
- Beyyine 98:3
- Beyyine 98:4
- Beyyine 98:5
- Beyyine 98:6
- Beyyine 98:7
- Beyyine 98:8
- Zilzal 99:1
- Zilzal 99:2
- Zilzal 99:3
- Zilzal 99:4
- Zilzal 99:5
- Zilzal 99:6
- Zilzal 99:7
- Zilzal 99:8
- Adiyat 100:1
- Adiyat 100:2
- Adiyat 100:3
- Adiyat 100:4
- Adiyat 100:5
- Adiyat 100:6
- Adiyat 100:7
- Adiyat 100:8
- Adiyat 100:9
- Adiyat 100:10
- Adiyat 100:11
- Karia 101:1
- Karia 101:2
- Karia 101:3
- Karia 101:4
- Karia 101:5
- Karia 101:6
- Karia 101:7
- Karia 101:8
- Karia 101:9
- Karia 101:10
- Karia 101:11
- Tekâsür 102:1
- Tekâsür 102:2
- Tekâsür 102:3
- Tekâsür 102:4
- Tekâsür 102:5
- Tekâsür 102:6
- Tekâsür 102:7
- Tekâsür 102:8
- Asr 103:1
- Asr 103:2
- Asr 103:3
- Hümezeh 104:1
- Hümezeh 104:2
- Hümezeh 104:3
- Hümezeh 104:4
- Hümezeh 104:5
- Hümezeh 104:6
- Hümezeh 104:7
- Hümezeh 104:8
- Hümezeh 104:9
- Fil 105:1
- Fil 105:2
- Fil 105:3
- Fil 105:4
- Fil 105:5
- Kureyş 106:1
- Kureyş 106:2
- Kureyş 106:3
- Kureyş 106:4
- Mâûn 107:1
- Mâûn 107:2
- Mâûn 107:3
- Mâûn 107:4
- Mâûn 107:5
- Mâûn 107:6
- Mâûn 107:7
- Kevser 108:1
- Kevser 108:2
- Kevser 108:3
- Kâfirun 109:1
- Kâfirun 109:2
- Kâfirun 109:3
- Kâfirun 109:4
- Kâfirun 109:5
- Kâfirun 109:6
- Nasr 110:1
- Nasr 110:2
- Nasr 110:3
- Tebbet 111:1
- Tebbet 111:2
- Tebbet 111:3
- Tebbet 111:4
- Tebbet 111:5
- İhlas 112:1
- İhlas 112:2
- İhlas 112:3
- İhlas 112:4
- Felak 113:1
- Felak 113:2
- Felak 113:3
- Felak 113:4
- Felak 113:5
- Nas 114:1
- Nas 114:2
- Nas 114:3
- Nas 114:4
- Nas 114:5
- Nas 114:6
Nebe' 78:1
[Warri hin amanin] maal irraa wal gaaggaafatan?
Nebe' 78:2
Oduu guddaa irraa [wal gaafatu)
Nebe' 78:3
Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi].
Nebe' 78:4
Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
Nebe' 78:5
Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
Nebe' 78:6
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?
Nebe' 78:7
Gaarreenis shikaaloowwan [hin goonee]?
Nebe' 78:8
Cimdiis goonee isin uumne.
Nebe' 78:9
Hirriba keessan boqonnaa goone.
Nebe' 78:10
Halkan uffata goone.
Nebe' 78:11
Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone.
Nebe' 78:12
Gubbaa keessanitti [samii] jajjaboo torba ijaarre.
Nebe' 78:13
Ifaa boba'aas uumne.
Nebe' 78:14
Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne.
Nebe' 78:15
Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne].
Nebe' 78:16
Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes.
Nebe' 78:17
Guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e.
Nebe' 78:18
[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha.
Nebe' 78:19
[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha.
Nebe' 78:20
Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate.
Nebe' 78:21
Dhugumatti jahannam keellaa taateetti.
Nebe' 78:22
Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti.
Nebe' 78:23
Yeroo dheeraaf ishee keessa turu.
Nebe' 78:24
Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu.
Nebe' 78:25
Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu].
Nebe' 78:26
Mindaa wal madaalu [mindeeffaman].
Nebe' 78:27
Isaan qormaata hin sodaatanu turan.
Nebe' 78:28
Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan.
Nebe' 78:29
Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne.
Nebe' 78:30
“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama].
Nebe' 78:31
Warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.
Nebe' 78:32
Ashaakiltiifi inabatu [jira].
Nebe' 78:33
Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru].
Nebe' 78:34
Geeba (xoofoo) guutamtuu.
Nebe' 78:35
Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu.
Nebe' 78:36
Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman].
Nebe' 78:37
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]. Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu.
Nebe' 78:38
Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu.
Nebe' 78:39
Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaati. Namni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata.
Nebe' 78:40
Nuti adabbii dhihoo tahe isin sodaachifne. kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte argu, kan kaafirri jedhu "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba".
Naziat 79:1
[Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha).
Naziat 79:2
[Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis.
Naziat 79:3
[Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis.
Naziat 79:4
Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis.
Naziat 79:5
(Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha).
Naziat 79:6
Guyyaa sochootuun [afuuffiin xurumbaa nama] sochooftu;
Naziat 79:7
Hordoftuutu (afuuffii biraatu) ishee hordofa.
Naziat 79:8
Onneewwan guyyaa san rifattuudha.
Naziat 79:9
Ijji ishee salphattuudha.
Naziat 79:10
Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa?
Naziat 79:11
Sila erga lafee dhumte taanee moo?
Naziat 79:12
Yoo akkas ta'e sun deebii hoongooti" jedhan.
Naziat 79:13
Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa.
Naziat 79:14
Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta'u.
Naziat 79:15
Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee?
Naziat 79:16
Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe.
Naziat 79:17
Gara Fir'awn deemi; inni daangaa darbee jira.
Naziat 79:18
Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa?
Naziat 79:19
Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa)."
Naziat 79:20
[Muusan] mallattoo guddaa isa (Fir'awniin) agarsiise.
Naziat 79:21
Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse.
Naziat 79:22
Ergasii ariifataa gara gale.
Naziat 79:23
Sana booda walitti qabee lallabe:
Naziat 79:24
“Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe.
Naziat 79:25
Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe.
Naziat 79:26
Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira.
Naziat 79:27
Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare.
Naziat 79:28
Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse.
Naziat 79:29
Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse.
Naziat 79:30
Dachii sana booda sirreesse.
Naziat 79:31
Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase.
Naziat 79:32
Gaarreenis dachii irra ni dhaabe.
Naziat 79:33
Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe].
Naziat 79:34
Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte,
Naziat 79:35
Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu,
Naziat 79:36
(Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mul'atte,
Naziat 79:37
Namni daangaa dabree,
Naziat 79:38
Jireenya addunyaa kanaa filate,
Naziat 79:39
Dhugumatti, jahannam teesson isaa.
Naziat 79:40
Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu irraa dhorge,
Naziat 79:41
Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati.
Naziat 79:42
[Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa, yoom argamtii ishee si gaafatu.
Naziat 79:43
Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta?
Naziat 79:44
Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti.
Naziat 79:45
Ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti.
Naziat 79:46
Isaan guyyaa ishee argan akka waan isaan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata.
Abese 80:1
Fuula guuree gara gale.
Abese 80:2
Sababa jaamaan isatti dhufeef.
Abese 80:3
Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama.
Abese 80:4
Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi.
Abese 80:5
Nama duroome immoo,
Abese 80:6
Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta.
Abese 80:7
Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen.
Abese 80:8
Nama fiigaa sitti dhufe immoo,
Abese 80:9
Kan Rabbiin sodaatu ta’ee,
Abese 80:10
Ati isa irraa dagatta.
Abese 80:11
Dhorgami! Isheen gorsa.
Abese 80:12
Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata.
Abese 80:13
Galmeewwan kabajamtuu keessa jira.
Abese 80:14
Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira).
Abese 80:15
Harka barressitootaa (maleykotaa) jira.
Abese 80:16
Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira).
Abese 80:17
Namni abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise?
Abese 80:18
(Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu?)
Abese 80:19
Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse.
Abese 80:20
Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise.
Abese 80:21
Ergasii isa ajjeeseti isa awwaalchise.
Abese 80:22
Ergasii yeroo fedhe isa kaasa.
Abese 80:23
Dhugumatti, (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne.
Abese 80:24
Namni gara nyaata isaa haa ilaalu.
Abese 80:25
Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne.
Abese 80:26
Ergasii dachii dhodhoosiinsa dhodhoofne.
Abese 80:27
Achumaan Ishee keessatti firii magarsine.
Abese 80:28
Inabaafi margas,
Abese 80:29
Zeytunaafi muka timiraas,
Abese 80:30
Ashaakiltiilee muka baay’atanis,
Abese 80:31
Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu].
Abese 80:32
Isiniifi beylada keessanis qanansiisuuf.
Abese 80:33
Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan) dhufte,
Abese 80:34
Guyyaa namni obboleessa isaa irraa dheessu,
Abese 80:35
Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas,
Abese 80:36
Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti).
Abese 80:37
Nama Isaan irraa ta’e hundaaf guyyaa sana dhimma isa duroomsutu jira.
Abese 80:38
Fuulli gariin guyyaa san ni ifti.
Abese 80:39
Kolfituu, gammadduudha.
Abese 80:40
Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu) irra jira.
Abese 80:41
Gurraachinni ishee haguuga.
Abese 80:42
Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha.
Tekvir 81:1
Yeroo aduun maramte,
Tekvir 81:2
Yeroo urjiin harcaate,
Tekvir 81:3
Yeroo gaarreen bakkaa oofamte,
Tekvir 81:4
Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte),
Tekvir 81:5
Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte,
Tekvir 81:6
Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti boba'an),
Tekvir 81:7
Yeroo lubbuuleen hundi qindeeffamte.
Tekvir 81:8
Yeroo durbi jirtuun awwaalamte gaafatamte,
Tekvir 81:9
Balleessa kamiif akka ajjeefamte;
Tekvir 81:10
Yeroo galmeen (hojii) raabsamte,
Tekvir 81:11
Yeroo samiin buqqifamtee maramte,
Tekvir 81:12
Yeroo ibiddi qabsiifamte,
Tekvir 81:13
Yeroo jannanni dhiheeffamte,
Tekvir 81:14
Lubbuun waan dalagatte beekteetti.
Tekvir 81:15
(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha.
Tekvir 81:16
(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha).
Tekvir 81:17
Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha),
Tekvir 81:18
Bariittillee yeroo inni hafuura baafate (ife) (kakadha),
Tekvir 81:19
Inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati {1}
———
{1} Qur'aanni kuni jecha Rbbiiti jibriil fuudhee nabi muhammaditti geessuudha.
Tekvir 81:20
(Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu.
Tekvir 81:21
Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e.
Tekvir 81:22
Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti.
Tekvir 81:23
Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira.
Tekvir 81:24
Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don'aa miti (hin dhoksu).
Tekvir 81:25
Inni (Qur'aanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti.
Tekvir 81:26
Mee eessuma deemtu?
Tekvir 81:27
Inni aalama hundaaf gorsa malee hintaane.
Tekvir 81:28
Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a).
Tekvir 81:29
Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu.
İnfitar 82:1
Yeroo samiin dhodhoote,
İnfitar 82:2
Yeroo urjiiwwan harcaate,,
İnfitar 82:3
Yeroo galaanonni walitti makaman,
İnfitar 82:4
Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte,
İnfitar 82:5
(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi baada aansite ni beekti.
İnfitar 82:6
Ati Yaa nama! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si dage?
İnfitar 82:7
Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse,
İnfitar 82:8
Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)?
İnfitar 82:9
Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu.
İnfitar 82:10
Isin irra to’attootatu jiru.
İnfitar 82:11
Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an.
İnfitar 82:12
Waan isin dalagdan ni beeku.
İnfitar 82:13
Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu
İnfitar 82:14
Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu.
İnfitar 82:15
Guyyaa murtii ishee seenu.
İnfitar 82:16
Isaan ishee irraa hin fagaatanu.
İnfitar 82:17
Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
İnfitar 82:18
Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
İnfitar 82:19
(Inni) guyyaa lubbuun takka lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenye. Guyyaa san wanti (hundi) kan Rabbiiti.
Mütaffifin 83:1
Salaabiiwwaniif (warra safara hir’isuuf) badiin haa ta’u!
Mütaffifin 83:2
Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan,
Mütaffifin 83:3
Kan Yeroo namootaaf safaran yookiin miizaanan immoo hir’isan.
Mütaffifin 83:4
Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii?
Mütaffifin 83:5
Guyyaa guddaadhaaf.
Mütaffifin 83:6
Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu.
Mütaffifin 83:7
Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a.
Mütaffifin 83:8
"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Mütaffifin 83:9
Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama).
Mütaffifin 83:10
Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.
Mütaffifin 83:11
Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif.
Mütaffifin 83:12
Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru.
Mütaffifin 83:13
Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte "ogbarruu warra duriiti" jedha.
Mütaffifin 83:14
Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge.
Mütaffifin 83:15
Haadhoorgamanii! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha.
Mütaffifin 83:16
Ergasii isaan ibidda seenoodha.
Mütaffifin 83:17
Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama.
Mütaffifin 83:18
Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessatti ta'aadha.
Mütaffifin 83:19
"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Mütaffifin 83:20
Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame).
Mütaffifin 83:21
Warra Rabbitti dhiheeffamantu isa arga.
Mütaffifin 83:22
Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananiilee keessa jiraatu.
Mütaffifin 83:23
Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu.
Mütaffifin 83:24
Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta.
Mütaffifin 83:25
Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu.
Mütaffifin 83:26
Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman.
Mütaffifin 83:27
Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi.
Mütaffifin 83:28
(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha.
Mütaffifin 83:29
Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan.
Mütaffifin 83:30
Yeroo isaan bira dabran wal akeeku.
Mütaffifin 83:31
Yeroo gara maatii isaanii deebi'an gammadaa deebi’u.
Mütaffifin 83:32
Yeroo isaan argan "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu.
Mütaffifin 83:33
Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin.
Mütaffifin 83:34
Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa.
Mütaffifin 83:35
Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu.
Mütaffifin 83:36
"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu].
İnşikak 84:1
Yeroo samiin dhodhoote
İnşikak 84:2
(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.
İnşikak 84:3
Yeroo dachiin diriirfamte,
İnşikak 84:4
Waan ishee keessa jiru darbitee, duwwaa taate,
İnşikak 84:5
(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.
İnşikak 84:6
Ati Yaa nama! Ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin laffa'aadha laffa'iinsa, isa qunnamaadhasi.
İnşikak 84:7
Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname;
İnşikak 84:8
Qormaata salphaa qoramuuf jira.
İnşikak 84:9
Gammadaa gara maatii isaa deebi’a.
İnşikak 84:10
Namni kitaaba isaa dugdaisaa duubaan kenname immoo;
İnşikak 84:11
Badii yaamuuf jira (Yaa badii tiyya jedhee).
İnşikak 84:12
Ibidda boba’aa seena.
İnşikak 84:13
Inni maatii isaa keessatti gammadaa ture.
İnşikak 84:14
Inni (gama Rabbii) hindeebi’uu yaade.
İnşikak 84:15
Lakki! (ni deebi’a) Gooftaan isaa isa argaadha.
İnşikak 84:16
Miti! Diimina galgalaattin kakadha.
İnşikak 84:17
Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha).
İnşikak 84:18
Ji'attis yeroo inni guuteenin (kakadha).
İnşikak 84:19
Isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu.
İnşikak 84:20
Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne?
İnşikak 84:21
Yeroo Qur'aanni isaan irratti qara'amu hinsujuudan. {1}
———
{1} as sujuuda qaraatii qur'aanaattu jira.
İnşikak 84:22
Dhugumaatti, warri kafaran ni sobsiisu.
İnşikak 84:23
Rabbiin beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti.
İnşikak 84:24
Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi.
İnşikak 84:25
Isaan amananii gaggaarii hojjatan malee isaaniif mindaa hin cinnetu jira.
Büruc 85:1
Samii abbaa orbitii urjiitiin (nan kakadha).
Büruc 85:2
Guyyaa beellamamaanis,
Büruc 85:3
Ragaa ba'aafi warra ragaan itti ba'amuunis (nan kakadhaa),
Büruc 85:4
Warri handaqa abaaraman.
Büruc 85:5
(Warri) ibidda boba’aa.
Büruc 85:6
Yeroo isaan ishee irra taa'an,
Büruc 85:7
Isaan waan mu'imintootatti hojjatan irratti hirmaattota.
Büruc 85:8
Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa hinjibbine.
Büruc 85:9
(Rabbiin) Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta'eedha. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
Büruc 85:10
Isaan mu'imintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebi'in (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira.
Büruc 85:11
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif ashaakiltiiwwan laggeen jala ishee yaatutu jira. Sun milkii guddaadha.
Büruc 85:12
Qabaan Gooftaa keetii haalaan cimaadha.
Büruc 85:13
Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (du'a boodas) ni deebisa.
Büruc 85:14
Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha
Büruc 85:15
(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha.
Büruc 85:16
Waan fedhe akkaan hojjataadha.
Büruc 85:17
Sila oduun waraanaa si ga'eeraa?
Büruc 85:18
(Waraana) Fir'awniifi Samuud.
Büruc 85:19
Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru.
Büruc 85:20
Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha.
Büruc 85:21
Dhugumatti, inni Qur'aana guddaadha.
Büruc 85:22
Luuhii tiikfamaa keessa jira.
Târık 86:1
Samiifi (urjii) halkan dhufaa ta’eenin (kakadha).
Târık 86:2
(Urjii) halkan dhufaa ta’e maaltu si beeksise?
Târık 86:3
(Inni) urjii ifti isaa dukkana uraa ta’eedha.
Târık 86:4
Lubbuun hundi tiksaan ishee irra jiraatu malee hin hafu.
Târık 86:5
Namni maal irraa akka uumame haa ilaalu.
Târık 86:6
Bishaan utaalaa irraa uumame.
Târık 86:7
Jidduu dugdaatiifi qomaatii kan ba’u.
Târık 86:8
Inni isa deebisuu irratti danda’aadha.
Târık 86:9
Guyyaa iccitiiwwan ifa ba'an.
Târık 86:10
(Gaafas) humnas ta’ee tumsaan isaaf hin jiru.
Târık 86:11
Samii abbaa deddeebiitiinin (kakadha).
Târık 86:12
Dachii dhodhootuunin (kakadha).
Târık 86:13
Inni (Qur'aanni) jecha adda baasaadha.
Târık 86:14
Inni qoosaa miti.
Târık 86:15
Dhugumatti, isaan shira shiru.
Târık 86:16
Anis shiran baasa.
Târık 86:17
Kaafirootaaf yeroo kenni. Ammas xinnoo yeroo kenniif.
A'lâ 87:1
Maqaa Gooftaa kee olaanaa ta'ee qulqulleessi.
A'lâ 87:2
Isa (waan hunda) uumee guute.
A'lâ 87:3
Isa murteessee qajeelche.
A'lâ 87:4
Isa marga baase,
A'lâ 87:5
Goggogaa gurraacha isa taasise.
A'lâ 87:6
Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu.
A'lâ 87:7
Waan Rabbiin fedhe malee Inni mul’ataafi dhokataas ni beeka.
A'lâ 87:8
Nuti karaa laaftuu taateef si laaffifna.
A'lâ 87:9
Yoo yaadachiisni fayyadde yaadachiisi.
A'lâ 87:10
Namni Rabbiin sodaatu gorfamuuf jira.
A'lâ 87:11
Hoonga'aan ishee irraa fagaata.
A'lâ 87:12
Inni ibidda guddoo seenu.
A'lâ 87:13
Ergasii ishee keessatti hin du'u; hin jiraatus.
A'lâ 87:14
Dhugumatti, namni of qulqulleeffate milkaa’e.
A'lâ 87:15
Maqaa Gooftaa isaa dubbatee kan salaate.
A'lâ 87:16
Inumaa isin jiruu addunyaa filattu.
A'lâ 87:17
Odoo Aakhiraan caaltuufi haftuu taatee jirtuu [addunyaa filattu].
A'lâ 87:18
Kun barreeffamoota duraanii keessa jira.
A'lâ 87:19
Barreeffamoota Ibraahiimifi Muusaa [keessa jira].
Gâşiye 88:1
Sila oduun haguugduu (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa?
Gâşiye 88:2
Fuulleen (gariin) guyyaa san xiqqaattuudha.
Gâşiye 88:3
Hojjattuu ifaajjuudha.
Gâşiye 88:4
Ibidda gubduu seenti.
Gâşiye 88:5
Burqituu danfituu irraa obaafamti.
Gâşiye 88:6
Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru.
Gâşiye 88:7
Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu.
Gâşiye 88:8
Fuulleen gariin guyyaa san qananiituudha.
Gâşiye 88:9
Dalagaa ishee jaalattuudha.
Gâşiye 88:10
Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti.
Gâşiye 88:11
Ishee keessatti waca hin dhaga'anu.
Gâşiye 88:12
Ishee keessa burqituu yaatutu jirti.
Gâşiye 88:13
Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti.
Gâşiye 88:14
Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti.
Gâşiye 88:15
Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira).
Gâşiye 88:16
Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti).
Gâşiye 88:17
Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu?
Gâşiye 88:18
Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)?
Gâşiye 88:19
Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)?
Gâşiye 88:20
Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)?
Gâşiye 88:21
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa.
Gâşiye 88:22
Isaan irratti dirqisiisaa hin taane.
Gâşiye 88:23
Nama gara galee kafare malee,
Gâşiye 88:24
Rabbiin adabbii guddaa isa adaba.
Gâşiye 88:25
Deebiin isaanii garuma Keenya.
Gâşiye 88:26
Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira.
Fecr 89:1
Bariinin (kakadha).
Fecr 89:2
Halkan kurnaniinis,
Fecr 89:3
Cimdiifi qarattis;
Fecr 89:4
Halkanittis; yeroo inni deeme.
Fecr 89:5
Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan hin jiruu? (ni jira)!
Fecr 89:6
Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee?
Fecr 89:7
Iramiin warra dhedheerootti,
Fecr 89:8
Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san.
Fecr 89:9
Samuudittis warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan).
Fecr 89:10
Fir'awniinis abbaa shikaalaatti;
Fecr 89:11
Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran.
Fecr 89:12
Kan ishee keessatti badii baay'isan.
Fecr 89:13
Gooftaan kee akaakuu adabbii isaan irratti buuse.
Fecr 89:14
Gooftaan kee keellatti tahaadha.
Fecr 89:15
Ammoo Namni yeroo gooftaan isaa isa qorate, isa kabajee, isa qanansiise nijedha “Gooftaan kiyya na kabaje”.
Fecr 89:16
Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha.
Fecr 89:17
Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan.
Fecr 89:18
Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan.
Fecr 89:19
Qabeenya dhaalaa, nyaata [halaalaafi haraama] walitti qabate nyaattu.
Fecr 89:20
Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu.
Fecr 89:21
Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte.
Fecr 89:22
(Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran [dhufan].
Fecr 89:23
Guyyaa san jahannamis ni fidama Guyyaa san namni ni yaadata Yaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree?
Fecr 89:24
Ni jedha: "odoon jiruu kiyyaaf dabarfadheen hawwa."
Fecr 89:25
Guyyaa san adabbii Isaa eenyunuu hin adabu.
Fecr 89:26
Hidhaa Isaas eenyunuu hin hidhu.
Fecr 89:27
“Ati Yaa lubbuu tasgabbooftuu!
Fecr 89:28
Gara Gooftaa keetii deebi'i Jaallatuu, jaallatamtuu tahaadhaa .
Fecr 89:29
Gabroota kiyya keessas seeni.
Fecr 89:30
Jannata kiyyas seeni” (jedhamti)
Beled 90:1
Miti Biyya (Makkaa) kanaanin kakadha.
Beled 90:2
Ati biyyia kana qubataadha.
Beled 90:3
Abbaafi waan inni dhaleenis (nan kakadha).
Beled 90:4
Dhugumatti, Nuti nama cinqii[] keessatti uumne.
Beled 90:5
Sila inni tokkolleen isa irratti hin danda'uu yaadaa?
Beled 90:6
“Qabeenya guddaan balleesse" jedha.
Beled 90:7
Sila inni tokkolleen isa hin arguu yaadaa?
Beled 90:8
Sila Nuti ija lama isaaf hin taasifnee?
Beled 90:9
Arrabaafi hidhii lameenis;
Beled 90:10
Karaa lama (gaariifi badaa) isaaf ibsine.
Beled 90:11
Sila maaliif tulluu hin dabrine?
Beled 90:12
Tulluttiin maal akka taate maaltu si beeksise?
Beled 90:13
(Inni) Gabra bilisoomsuudha.
Beled 90:14
Yookiin guyyaa beelaa keessa nyaachisuudha.
Beled 90:15
Yatiima fira ta’an;
Beled 90:16
Yookiin hiyyeessa harkaan lafa qabate (deege).
Beled 90:17
Ergasii warra amananii, obsa waliif dhaamaniifi rahmata waliif dhaaman irraa maaliif hin taane?
Beled 90:18
Isaan sun warra mirgaati.
Beled 90:19
Isaan keeyyattoota keenyatti kafaran immoo isaan warra bitaati.
Beled 90:20
Isaan irratti ibiddi cufamtuudha.
Şems 91:1
Aduufi ifa isheetiinin (kakadha).
Şems 91:2
Ji’aanis; yeroo inni ishee hordofe.
Şems 91:3
Guyyaanis yeroo inni ishee (aduu) mul’ise;
Şems 91:4
Halkaniinis yeroo inni ishee haguuge;
Şems 91:5
Samiifi kan ishee ijaareenis;
Şems 91:6
Dachiifi kan ishee diriirseenis;
Şems 91:7
Lubbuufi kan ishee uumeenis;
Şems 91:8
Kan jall’ina isheefi qajeeluma ishee ishee barsiise.
Şems 91:9
Namni ishee qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
Şems 91:10
Namni ishee xureesses dhugaatti hoonga’e.
Şems 91:11
Samuud daangaa dabruu isheetiin kijibsiifte.
Şems 91:12
Yeroo irra jallaan ishee ka’u (kijibsiifte).
Şems 91:13
Ergamaan Rabbiis isaaniin “gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa)” jedhe.
Şems 91:14
Isa kijibsiisanii, ishee waraanan, Rabbiin isaanii Sababa badii isaanii isaan balleessee, ishee wal qixxeesse.
Şems 91:15
Haaloo ishee hin sodaatu.
Leyl 92:1
Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge.
Leyl 92:2
Guyyaanis yeroo inni mul'ate;
Leyl 92:3
Isa kormaafi dhalaa uumeenis;
Leyl 92:4
Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba).
Leyl 92:5
Ammoo Namni kennatee Rabbiin sodaate,
Leyl 92:6
Islaamummaas dhugoomse,
Leyl 92:7
(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra.
Leyl 92:8
Ammoo Nama don’oomee of ga’e,
Leyl 92:9
Islaamummaa sobsiise,
Leyl 92:10
(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra.
Leyl 92:11
Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu.
Leyl 92:12
Karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira.
Leyl 92:13
Aakhiraafi addunyaan keenya.
Leyl 92:14
Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise.
Leyl 92:15
Hoonga’aa malee ishee hin seenu.
Leyl 92:16
Kan sobsiisee gara gale (malee).
Leyl 92:17
Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira.
Leyl 92:18
Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu.
Leyl 92:19
Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu).
Leyl 92:20
Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu).
Leyl 92:21
Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira.
Duhâ 93:1
Waareenin (kakadha).
Duhâ 93:2
Halkaniinis yeroo inni callise.
Duhâ 93:3
Gooftaan kee si hin dhiifne; si hin jibbines.
Duhâ 93:4
Aakhiraatu addunyaa irra siif caala.
Duhâ 93:5
Dhugumatti, Rabbiin kee fuula dura (kenna guddaa) siif kenna; ni jaallattas.
Duhâ 93:6
Sila yatiima ta’uu si argee si hin hirkifnee?
Duhâ 93:7
Dogoggoraas ta’uu si argee si qajeelche.
Duhâ 93:8
Hiyyeessas taatee si argee si duroomse.
Duhâ 93:9
Yatiima hin hacuucin.
Duhâ 93:10
Kadhataas hin xixin.
Duhâ 93:11
Ni'imaa (qananii) Gooftaa keetiis odeessi.
İnşirah 94:1
Sila Nuti qoma kee siif hin bal'ifnee?
İnşirah 94:2
Ba’aa (badii) kee sirraa buufne.
İnşirah 94:3
Isa dugda keetti ulfaate (sirraa buufne).
İnşirah 94:4
Maqaa keetis siif ol kaafne.
İnşirah 94:5
Rakkinaa wajjin laafinatu jira.
İnşirah 94:6
Dhugumatti, rakkina wajjin laafinatu jira.
İnşirah 94:7
Yeroo (dalagaa wahii) raawwatte xaari (ta biraa ittifufi).
İnşirah 94:8
Gara Gooftaa keetii qofa kajeeli.
Tin 95:1
Tiiniifi Zaytuuniiniin (kakadha).
Tin 95:2
Gaara (Tulluu) xuuri Siiniinaatiinis.
Tin 95:3
Biyya nagaa kanaanis (nin kakadha).
Tin 95:4
Dhugumatti, Nuti nama dhaabbii irra gaarii ta'e keessatti isa uumne.
Tin 95:5
Ergasii bakka warra jalaa hundarra gadi aanaa ta'etti isa deebifne.
Tin 95:6
Isaan amananii gaggaarii dalagan malee isaaniif mindaa addaan hin cinnetu jira.
Tin 95:7
Kana booda maaltu galata [guyyaa Qiyaamaa] si kijibsiisisa (kijibsiisutti si kaase)?
Tin 95:8
Sila Rabbiin irra murteessaa murteessitootaa hin taanee?
Alak 96:1
Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi.{1}
———
{1} Aayatoowwan tuni dura waan qur'aanarraa nabi muhammad s.a.w. irratti buufameeti.
Alak 96:2
(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume.
Alak 96:3
Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i.
Alak 96:4
Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani.
Alak 96:5
Nama, waan inni hin beekne barsiise.
Alak 96:6
Dhugumatti, namni daangaa dabra.
Alak 96:7
Sababa duroomuu of arguutiin.
Alak 96:8
Deebiin garuma Gooftaa keetiiti.
Alak 96:9
Sila isa dhorgu san argitee?
Alak 96:10
Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)?
Alak 96:11
Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi!
Alak 96:12
Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo?
Alak 96:13
Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi?
Alak 96:14
Sila inni Rabbiin niargaa hin beekuu?
Alak 96:15
Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna.
Alak 96:16
Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna).
Alak 96:17
Garee isaa haa waammatu.
Alak 96:18
Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra.
Alak 96:19
Dhorgami! Isaan hin ajajamin, Sujuudis, gara Rabbiittis dhihaadhu.{1}
———
{1} Asitti sujuuda qaraatii qur'aanaattu bu'ama. kun sujuuda xumuraati.
Kadr 97:1
Dhugumatti, Nuti halkan sadarkaa qabdu keessa isa (Qur'aana) buufne.
Kadr 97:2
Halkan sadarkaa qabdu maal akka taate maaltu si beeksise?
Kadr 97:3
Halkan sadarkaa qabdu ji'a kumarra caalti.
Kadr 97:4
Maleykonniifi Jibriil ishee keessa eeyyama Gooftaa isaaniitiin waayee hundaan bu'u.
Kadr 97:5
Isheen hanga baha fajriitti nagaadha.
Beyyine 98:1
Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran jallina isaanii kan gadidhiisan hintaane hanga ragaan isaanitti dhufetti.
Beyyine 98:2
(Ragichis) ergamaa Rabbi irraa ta’e kan kitaabota qulqulleeffame dubbisu.
Beyyine 98:3
Ishee keessa barreeffamoota sirriitu jira.
Beyyine 98:4
Isaan kitaaba kennaman adda hinfacaane eega ragaan ifaan isaanitti dhufue booda malee.
Beyyine 98:5
Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamne. Kun amantii qajeelaadha.
Beyyine 98:6
Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati.
Beyyine 98:7
Isaan amananiifi gaggaarii hojjatan, isaan sun isaanumatu irra caalaa uumamaati.
Beyyine 98:8
Mindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti jannata qubsumaa, kan jala ishee laggeen yaatu, zalaalam ishee keessa jiraatu. Rabbiin isaan irraa jaalateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Kun nama Gooftaa isaa sodaatuuf qofa ta’a.
Zilzal 99:1
Yeroo dachiin sochii ishee sosochoote,
Zilzal 99:2
(yeroo) dachiin ba'aa ishee baafte,
Zilzal 99:3
Namni "sila isheen maal taate?" jedhe,
Zilzal 99:4
Guyyaa san (dachiin) oduu ishee ni odeessiti.
Zilzal 99:5
[Kunis] Waan Gooftaan kee isheetti beeksisa godheef.
Zilzal 99:6
Guyyaa san namoonni hojii isaanii agarsiifamuuf jecha garee gareen (bakka dhaabbii irraa) deebi’u.
Zilzal 99:7
Namni (hanga) madaala atomii toltuu dalage isuma arga.
Zilzal 99:8
Namni (hanga) madaala atomii hamtuu dalages isuma arga.
Adiyat 100:1
(Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha),
Adiyat 100:2
(Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin,
Adiyat 100:3
(Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti;
Adiyat 100:4
Isaan dhukkee ol kaasanitti;
Adiyat 100:5
Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha].
Adiyat 100:6
Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha.
Adiyat 100:7
Inni kana irratti ragaadha.
Adiyat 100:8
Inni (namni) qabeenya jaalachuutti cimaadha.
Adiyat 100:9
Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana hin beekuu?
Adiyat 100:10
Yeroo wanti qomoota keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu?)
Adiyat 100:11
Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha.
Karia 101:1
Qalbii rukuttuun (Qiyaamaan).
Karia 101:2
Qalbii rukuttuun maali?
Karia 101:3
Qalbii rukuttuun maal akka taate maaltu si beeksise?
Karia 101:4
Guyyaa namni akka billaacha faffacaafamee ta’u.
Karia 101:5
(Guyyaa) gaarreen akka jirbii iddamee (qaasasame) ta'u.
Karia 101:6
Namni madaalli (hojii) isaa ulfaatte,
Karia 101:7
Inni jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.
Karia 101:8
Namni madaalli (hojii) isaa salphatte immoo,
Karia 101:9
Qubannoonni isaa “Haawiyaa”dha.
Karia 101:10
Isheen (Haawiyaan) maal akka taate maaltu si beeksise?
Karia 101:11
(Isheen) ibidda gubduudha.
Tekâsür 102:1
(Qabeenya) Baay’ifachuun (ibaadaa irraa) isin jaataneesse (shaagale).
Tekâsür 102:2
Hanga awwaala dhaqxanitti (duutanitti).
Tekâsür 102:3
Dhorgamaa! Fuula dura beekuuf jirtu.
Tekâsür 102:4
Ergasiis dhorgamaa! Fuula dura beekuuf jirtu.
Tekâsür 102:5
Dhugumatti, odoo beekumsa mirkanaa’aa beektanii (hin shaagalamtanu ture).
Tekâsür 102:6
Dhugumatti ibidda ni argitu.
Tekâsür 102:7
Ergasii argaa mirkanaa’aa arguuf jirtu.
Tekâsür 102:8
Ergasii guyyaa san qananiilee irraa gaafatamuuf jirtu.
Asr 103:1
Yeroonin kakadha.
Asr 103:2
Dhugumatti, namni hunduu hoongoo keessa jira.
Asr 103:3
Isaan amanan, gaggaarii dalagan, haqa walii dhaamaniifi obsa walii dhaaman malee (warri hafan hoongoo guddaa keessa jiru).
Hümezeh 104:1
Hamattuufi arrabsituu hundaaf badiin mirkanaa’e.
Hümezeh 104:2
Isa qabeenya walitti qabee lakkaa'e.
Hümezeh 104:3
Qabeenyi isaa isa hambisaa yaada.
Hümezeh 104:4
Haa dhorgamu! [Ibidda] caccabsituu keessatti darbamuuf jira.
Hümezeh 104:5
Caccabsituun maal akka taate maaltu si beeksise?
Hümezeh 104:6
(Isheen) ibidda Rabbii kan qabsiifamtuudha.
Hümezeh 104:7
Ishee onneewwan irratti (laalaan ishee) mul’attuudha.
Hümezeh 104:8
Dhugumatti, isheen isaan irratti cufamtuudha.
Hümezeh 104:9
Utubaalee diriirfamaa keessatti (itti cufama).
Fil 105:1
Sila Gooftan kee Abbootii Arbaa irratti akkam akka dalage hin arginee?
Fil 105:2
Sila shira isaanii dhabama hin goonee? (godheera).
Fil 105:3
Simbira garee gareedhaan isaanitti erge.
Fil 105:4
Dhagaalee xuubii (suphee gubamte) irraa taate isaan darbatti.
Fil 105:5
Akka alalaa (okaa) nyaatamee isaan taasise.
Kureyş 106:1
Qurayshota barsiisuuf,
Kureyş 106:2
Fe’annaa gannaafi bonaa isaan barsiisuuf jecha (warra arbaa balleesse).
Kureyş 106:3
Gooftaa mana kanaa haa gabbaranu.
Kureyş 106:4
Isa beela irraa isaan nyachiseefi sodaa irraa isaan tasgabbeesse.
Mâûn 107:1
Isa qormaata sobsiisu argitee?
Mâûn 107:2
Sun isa yatiima humnaan deebisu.
Mâûn 107:3
Hiyyeessa nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu.
Mâûn 107:4
Warra salaataniif badiin mirkanaa’e.
Mâûn 107:5
Isaan sun warra salaata isaanii irraa dagatoo tahan.
Mâûn 107:6
Isaan warra (dalagaa namatti) agarsiifatan.
Mâûn 107:7
Isaan meeshaa ergisaa dhorgataniif (badiin mirkanaa’e).
Kevser 108:1
Nuti dhugumatti, tola guddaa siif kennineerra. {1}
———
{1} kowsar laga jannatarraa tahe kan nabiif kennamuudhas jedhame.
Kevser 108:2
Gooftaa keetiif sagadii isaaf qali.
Kevser 108:3
Dhugumatti, kan si jibbu isuma kan qaccee cite (kheyrii hunda irraa cite).
Kâfirun 109:1
Jedhi: "isin yaa warra Rabbitti kafartan!
Kâfirun 109:2
Ani waan isin gabbartan hin gabbaru.
Kâfirun 109:3
Isinis waan ani gabbaru kan gabbartan hin taane.
Kâfirun 109:4
Anis waan isin gabbartan (fuula duras) kan gabbaruu miti.
Kâfirun 109:5
Isinis waan ani gabbaru (fuula duras) kan gabbartanii miti.
Kâfirun 109:6
Isiniif amantiin keessan jira; anaafis amantiin kiyya jira."
Nasr 110:1
Yeroo tumsi Rabbiitiifi banamiinsi (Makkaa) dhufe,
Nasr 110:2
Namootas garee gareedhaan diinii Rabbii keessa kan seenan argite,
Nasr 110:3
Gooftaa kee faarsuu wajjin qulqulleessi; araarama isa kadhadhu, inni akkaan tawbaa qeebalaa tahe.
Tebbet 111:1
Harki Abuu Lahab lamaan badde [Innis] bade.
Tebbet 111:2
Qabeenyi isaatiifi wanti inni hores isa hin fayyanne.
Tebbet 111:3
Ibidda abbaa bobayaa (belbelaa) taate seenuuf jira.
Tebbet 111:4
Niitiin isaas baadhattuu qoraanii taatee (seenti).
Tebbet 111:5
Morma ishee keessa haada quncee temiraa irraa ta'etu jira.
İhlas 112:1
Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha. {1}
———
{1} sadarkaa suuraa tanaa keessatti hadiisa abiisaiid alkhudrii kan bukaariin odeesse keessatti Nabiin s.a.w. "Rabbii lubbuun tiyya harka isaa keessa jirtuun kakadhee isiin 1/3 tokko sadaffaa qur'aanaatti qixxaatti" jedhe.
İhlas 112:2
Allaahn hirkoo waa hundaati.
İhlas 112:3
Hin dhalle hin dhalannes.
İhlas 112:4
Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane.”
Felak 113:1
Jedhi: "Gooftaa bariittin maganfadha.
Felak 113:2
Hamtuu waan Inni uumee irraa,
Felak 113:3
Hamtuu dukkanaa yeroo dukkanaa’e irraas,
Felak 113:4
Hamtuu (dubartii sihrii) guduunfaalee keessatti tuftu irraas,
Felak 113:5
Hamtuu haasidii yeroo inni hassadu (waanyu) irraas (Rabbittin maganfadha).”
Nas 114:1
Jedhi: "Gooftaa namaattin maganfadha.
Nas 114:2
Mootii namaatti,
Nas 114:3
Gabbaramaa namaatti,
Nas 114:4
Hamtuu hasaassii (sheyxaana) dhokatuufi mul’atuu irraa,
Nas 114:5
Isa qomoota namaa keessa waswaasu irraa,
Nas 114:6
Jinniifi nama irraa kan ta’e (irraan maganfadha).”